Google Drive fi DropBox maali? Suuraa barbaachisoo, ragaa barnootaa scan gootanii qabdanii fi wantoota barbaachisoo fudhattanii biyya biraa otuu deemtanii filaashiin keessan isin jalaatii caba yookaan bada. Maal gochuu dandeessu? Manatti deebitanii ragaalee sana hunda scan gochuu, yookaan kompiyuutera irra jiru irraatii deebitanii copy gochuu... baayyee dadhabsaa dha. Dabalata faayila guddaa emaildhaan namaaf erguuf yeroo jettan tole hin jedhu. Falli keessan tokkichi kana hundaaf isin garaaru Google drive fi DropBox fayyadamuu dha. 1.Google Drive kaffaltii malee tola email tokkotti haga 15 GB isiniif kenna. Yoo kaffaltan ammoo isaa ol bitachuu dandeessu. 2. DropBox ammoo kaffaltii malee haga 2GB tolaan isiniif kenna. Isa caalaa barbaadnaan bitachuu dandeessu. tajaajila cloud storage yookaan kuusaa internet irra yeroo kamitti bakka hundaatii bantanii fayyadamuu dandeessan kan kennan hedduun akka Amazon Cloud Drive, SugarSync, Box, Apple iCloud, Microsoft OneDrive, BitCasa fi ...
Marsareetii kana irratti Barnoota waa'ee teeknolojii, akkaataa itti fayyadamaa, barbaachisummaa isaa, fi midhaa isaa ballinaan isin hubachiifna