Google Drive fi DropBox maali?
Suuraa barbaachisoo, ragaa barnootaa scan gootanii qabdanii fi wantoota barbaachisoo fudhattanii biyya biraa otuu deemtanii filaashiin keessan isin jalaatii caba yookaan bada. Maal gochuu dandeessu? Manatti deebitanii ragaalee sana hunda scan gochuu, yookaan kompiyuutera irra jiru irraatii deebitanii copy gochuu... baayyee dadhabsaa dha. Dabalata faayila guddaa emaildhaan namaaf erguuf yeroo jettan tole hin jedhu. Falli keessan tokkichi kana hundaaf isin garaaru Google drive fi DropBox fayyadamuu dha.
1.Google Drive kaffaltii malee tola email tokkotti haga 15 GB isiniif kenna. Yoo kaffaltan ammoo isaa ol bitachuu dandeessu.
2. DropBox ammoo kaffaltii malee haga 2GB tolaan isiniif kenna. Isa caalaa barbaadnaan bitachuu dandeessu.
tajaajila cloud storage yookaan kuusaa internet irra yeroo kamitti bakka hundaatii bantanii fayyadamuu dandeessan kan kennan hedduun akka
Amazon Cloud Drive, SugarSync, Box, Apple iCloud, Microsoft OneDrive, BitCasa fi kan kana fakkaatan jiraataniyyuu baayyinaan namni kan fayyadamu Google Drive fi DropBox dha. Keessumaatii ammoo guddinaa fi wantoota garaagaraatiif irra caalaa Google Drive tu filatama.
Wantoota yoo isin jalaatii badan isin rakkisuu danda'an hunda asirra kaawwachuu dandeessu. Biyya kamiyyuu teessanii argachuu waan dandeessaniif dhimmaaf biyya biraa yoo flash yookaan laptop keessan irraanfattanii deemtanillee wantoota barbaachisoo kana cloud irraatii waan qabdaniif internet irra seentanii download godhachuu qofatu isinirraa eegama.
Akkaataa itt fayyadama isaa yeroo itti aanuttin isinitti argisiisa. Hangasitti hiriyyoota keessan invite gochuu hin dagatinaa😉wanta daqiiqaa hin guutne keessatti gochuu dandeessan bira hin darbinaa warri kaanis haa argataniitii.
.jpeg)
Comments