Skip to main content

Barnoota kompitaraa kutaa 3ffaa: Qaamota jajjaboo(Hardware) Kompitaraa

Qaama jajjaboo kompitaraa(Hardware part) 




Qaamni jajjaboo kompitaraa:- Qaama gurguddoo kompitaraa lameen keessaa isa tokko tahee ijaan ilaaluu fi harkaan qaqabuu dandeenyuudha. Walumaa galatti qaamni meshaalee (Device) jedhamuun beekkamu. Meshaalee kana akkaataa itti fayyadama isaa irratti hundaa'uun iddoo gara garaatti qooduu dandeenya. Isaanis
  1. Meeshaa Daataa seensisu(Input device)
  2. Meeshaa daataa baasu(Output device)
  3. Meeshaa daataa kuusu(Shortage device)
  4. Meeshaa daataa adeemsisu (Processor device)
  5. Meeshaa Networkii (Network device)
  6. Haadota (Cables)
Meeshaaleen armaan olitti tarreessine kun hunduu qaama jajjaboo kompitara keenyaa kessaa barbaachisoo kanneen tahaniidha.
Qaamota kanneen hundaahuu hanga dandahametti addaan qoqqoonnee ilaalla nu hanga dhumaatti nu hordofaa. Afaan keenyaan barressuun itti fufa tan dubbisuu immoo isinumaatu beeka.

1.Meeshaalee naqaa(Input devise)

Meeshaaleen naqaa(input devise) meeshaalee elektromakaanicaalaa ta’anii fayyadamaan kompitaraa odeeffannoo/daataa gara kompitara keenyaatti galchuuf kan gargaaraniidha. meeshaleen kun daataa fi ajeja garagaraa fayyadamaa kompitaraa irraa fuudhee gara kompitara keenyaa galchuuf oolaniidha. Walumaa galatti meeshaa data gara kompitaraatti fudhataniidha.

fkn

• Gabatee cinqoo

• hantuute

• Kobbee salphaa

• Kaastuu magneetawaa

• Argii tutuqamu

• Maykrofoonii

• Ijoo hantuutee

• Hunda cancalaa

• Kaameeraa

1.1 Gabatee cuqoo (keybord)




Meeshaalee data galchu keessaa isa bay’ee barbaachisaadha.kiiboordiin barreesituu qubee(typewriter) fi lakkofsaa(numeric keypad) walitti makuun kan barreesuudhaa.meshaan kun furtuu/tuqtuu(keys) fi furtuu dalagaa(function keys) kan ofirraa qabuudha

• furtuuleen(keys)  qubee,lakkoofsa fi mallattolee gara garaa kan qabateedha

• furtuu dalagaa(function keys) immoo F1-F12 kan qabateedha

 

1.2 Hantuute(mouse)



Maa’uziin meeshaa daataa galchu (input device) ta’ee qaree/xiyya xiqoo fuula torgii(monitor) irratti mul’atu kan to’atuudha. Maa’uziin kun kolbaa(button) 2 fi Sanaa ol qaba.

 Kolbaa gara mirgaa,kolbaa gara bitaa fi geengoo nannoftuu kan qabateedha

 

1.3 Kobbee salphaa(light pen)



Meeshaa daataa galchu tahanii ifa hubachuudhaan wanta nuti iskiriinii irratti mul’isuu barbaane an ittiin filachuu dandeenyuudha.

 

1.4 Kaastuu magneetawaa(magnetic scanner)



Ikaanariin daataa ykn odeeffannoo madda isii irraa dubbisuudhaan kooppii bifa suuraafi barreeffamaan kan gara kompitara keenyaatti galchuudha

 

1.5 Argii tutuqamu(touch screen)



Gosa toorgii(monitor) argii(screen) kompitaraa kessaa tokko ta’ee plaastikaan kan uwwifameedha. Kutaan plaastikaan ukkaamfame kana duuba isaa sarara ifaa kan hin mul’anne wal qaxxaamure “infrared light “ jedhamuutu jira.

 

1.6 Maykrofoonii(microphone)



Meeshaa daataa galchu ta’ee kan sagalee gara koompitara keenyaatti galchuudha. Wal qunnamtiin sagalee kan meehaa kanaan kompitara keenyatti galchunu kan kiiboordii irra dogongora dandamachuu danda’a

 

1.7 Ijoo hantuutee(trackball)



Meeshaa qareessa(pointer device) akkuma  maa;uziitti tajaajiluu danda’a

 

1.8 Hunda cancalaa(joystick)



Meeshaan kun mehaalee galchii(input device) ta’anii geemii kompitara taphachiisuuf namonni bay’inan kan itti fayyadamaniidha. Kolbawwan gara garaa kan geemicha ta’achuuf gargaaran ofirraa qaba.

 

1.9 Kaameeraa(camera)



Footoowwan gara garaa fi viidiyoo ittiin waraabuuf kan fayyaduudha.

Comments

Popular posts from this blog

Barnoota kompitaraa kutaa 6ffaa: meeshaa daataa adeemsisu (Processor device)

Meeshaa Daataa Adeemsisan(Processor drvice)  Kompitarri keenya meeshaalee daataa galchan kan akka keyboard, microphone, faa irraa daataa fudhachuun daataa kana gara meeshaa daataa baasaniitti osoo hin ergin dura adeemsa daataan process ta'u keessa darbuun gara meeshaa daataa baasanitti ergama. Meeshaan adeemsa daataa(processor device) kun daataa kana akka inni barbaachisutti nuuf qindeessa. Meeshaaleen adeemsa kompiitara keessaa baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Kutaa adeemsa giraafiksii (GPU) Mazarboordii (Motherboard) Kaardii networkii(Network card) Kaardii sagalee (Sound card) Kaardii viidiyoo (Video card)  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU)  Akka filannootti piroosesara(Processor), piroosesara giddugaleessaa(Centaral processor), ykn maaykiroo piroosesara (microprocessor) jedhamee kan waamamu, CPU (sea-pea-you )jedhamee dubbifama kutaa adeemsa giddugaleessaa kompiitaraati.  CPUn ...

Barnoota kompitaraa kutaa 4ffaa:- Meeshaa Daataa baasu(output device)

  2.Meeshalee Bu’aa baasuu(output device) Barannoo 2ffaa lammaffaa keessatti meeshaalee jajjaboo keessaa meeshaa daataa seensisu(Input device) ilaallee jirra . Barannoo kana keessatti meeshaa daataa seensisuun daataan gara kompitaraa keenyaa seene meeshaa nuti bu'aa isaa ittiin arguu dandeenyu ilaalla. Meeshaan bu’aa baasu kun kutaa kompitara keenyaa keessaa tokko ta’ee daataa nuti gara kompitara keenyaatti meeshaa naqaa(input device) dhaan galchine erga cpu kompitara keenyaa hojeeffama geggessee(process data) boodaa deebisee bu’aa isaa nuuf kan mul’isuudha. Bu’aan baasuu(output) kun bifa barreeffamaa,fakkii,sagalee fi viidiyootiin ta’uu danda’a Meeshaaleen bu’aa baasuu kun bakka (2) qoonnee laaluu dandeenya Meeshaalee garagalcha jajjaboo(Hard Copy) Meeshaalee garagalcha mosaajii(Soft copy) 1. Meeshaa garagalcha jajaboo(Hard copy device): meeshaan kun bu’aa basuu(output) keenya waraqaarratti ykn wantoota jajaboo garagaraa irratti kan qabatuudha. Garagalchi jajjaboon kun kompitara ...