2.Meeshalee Bu’aa baasuu(output device)
Barannoo 2ffaa lammaffaa keessatti meeshaalee jajjaboo keessaa meeshaa daataa seensisu(Input device) ilaallee jirra.
Barannoo kana keessatti meeshaa daataa seensisuun daataan gara kompitaraa keenyaa seene meeshaa nuti bu'aa isaa ittiin arguu dandeenyu ilaalla.
Meeshaan bu’aa baasu kun kutaa kompitara keenyaa keessaa tokko ta’ee daataa nuti gara kompitara keenyaatti meeshaa naqaa(input device) dhaan galchine erga cpu kompitara keenyaa hojeeffama geggessee(process data) boodaa deebisee bu’aa isaa nuuf kan mul’isuudha.
Bu’aan baasuu(output) kun bifa barreeffamaa,fakkii,sagalee fi viidiyootiin ta’uu danda’a
Meeshaaleen bu’aa baasuu kun bakka (2) qoonnee laaluu dandeenya
- Meeshaalee garagalcha jajjaboo(Hard Copy)
- Meeshaalee garagalcha mosaajii(Soft copy)
1. Meeshaa garagalcha jajaboo(Hard copy device): meeshaan kun bu’aa basuu(output) keenya waraqaarratti ykn wantoota jajaboo garagaraa irratti kan qabatuudha. Garagalchi jajjaboon kun kompitara malee kuusuu fi fayyadamuuf mijjaawaaadha.
Meehaan garagalcha jajjaboo output nuuf godhan kun kanneen armaan gadiiti
• Maxxansaa(printer): meeshaa daataa baasu ta’ee odeeffannoo ykn daataa keenya waraqaa irratti kan nuuf maxxansuudha
• Pilootarii(plotter): maxxansaa kompitaraa tahee kallattii saxatoo(vector graphics) maxxansuuf kan fayyaduudha
• COM(compiter output microfilm): sistama daataa kuufamee jiru gara maykroofiliitti kan jijiiiruudha.meeshaan kun daataa baay’ee guddaa ta’ee yeroo dheeraaf kaawwachuuf kan fayyaduudha fkn X-rey meedikaalaa, Baankii fi Inshuraansiin itti fayyadamu
2. Meeshaa garagalcha massoji(soft copy device): meeshaaleen kun daataa bu’aa baasuu keenya akka akka mul’atuu, dhageettii(audio), fi viidiyoo faadhaan kan nu biraan gahuudha. Garuu garagalchi masojji(softy copy) kompitara qofaan hojjachuu kan danda’uudha.
Meeshaaleen kunis kannen armaan gadiiti.
• Toorgii(monitor): meeshaa daataa baasu kessaa daataa kompitarri keenya baasuu ilaaluuf baaay’ee kan barbaachisuudha. Moonitariin kun tarii
-CRT(cathode ray tube)
-LCD(liquid crystal display) ta’uu danda’a
• Pirojektarii(projector): meeshaa daataa baasu ta’ee piroojektii argii guddaa(large screen) agarsiisuuf kan fayyaduudha. Meeshaan kun ittiin barsiisuu, barreeffama konforansii fi yaaliitiif kan gargaaruudha.
• Heedphoonii(headphone): meeshaan kun sagalee gurra keenyatti dhiheessinee akka dhageenyuuf kan gargaaruudha
• Dhageesissaa(speaker): sagalee fi haasawa garagaraa guddisnee akka dhageenyuuf gargaara.

.jpeg)
.jpeg)


.jpeg)
.jpeg)
.jpeg)
Comments