Skip to main content

Posts

Showing posts from November, 2021

Ho'insa Bilbila keenyaa akkamitti hi'isuu dandeenya

 ⚠️Phone heating/ Ho'uu bilbilaa rakkole bayye kenya yeroo amma mudatanidha.⚠️ Kanaaf sababota bayye tarresun ni dandahama....garuu ammaf furmaata isaa irrati stepoota armaan gadii fayyadama . 1 👉Use Original Charger 🍎Chaarjari Originala qofa fayyadamu qabdu keesumaa charjarii kansaa Kan bilbila wajjiin bitameen otoo fayyadamnee bay'ee gaarii kuni nageenyaa dhaga mobile keenyaatifillee murteessadha 🍎 2 👉Charging Phone Properly 🍎Bilbila charjii sirritti guutaa. Amma amma bilbila keenyaa carjii irra keenyaa yoo tahee nageenyaa dhagatiffillee bayyeessa miti kanaafuu yeruma tokko otoo guchifannee bareedadha.🍎 3 👉Check Your Wifi 🍎wifi kessan yeroo fayyadamtanin ala off tahu mirkanessaa.🍎 4 👉Turn Off The Bluetooth 🍎GPS--Bluetooth fi GPS kessan dhaamaa /off godha.🍎 5👉 Avoid Multi-Tasking 🍎bilbila kessan irratti hojiile walcinaa /parallel fayyadamu dhiisa.🍎 Fakkaeenyaf otoo muziqaa dhaggeeffattanii game taphachuu otoo dhiistaanii nageenyaa mobile keessaniif murteessadha ...

Saffisa bilbila keenyaa dabaluuf

  Bilbilli Android akka ariifatu yoo barbaaddan (saffisa) jechuu kooti tartiiba kana hordofaa Bilbilli keessan saffisuu dideeraa? Bilbilli keessan isin harkatti caljedhaa ? #Stack godhaa? Bilbilli ammayyaawaan (Smart phone) keessan Saffisa isin barbaadaniin hin deemu taanaan tartiiba kanaa gadii hordoftanii sirreeffachuu dandeessu. Malootni saffisa Bilbila keenyaa dabaluuf oolan : 1. Fakkina Sochii cufuu—Turn OFF Animation Kana gochuufis: Menu -> Setting-> About device-> Build Number irra deddeebinee saffisaan dhoofna hanga yeroo 7 –> Developer option created isiniin jedhu agartu -> tartiiba tokko duubatti deebi’aa (About Device keessaa bahaa)–>Developer Option amma dhufe sana keessa seenaa (ON) godhaa –> gara gadii gadi bu’aa Window Animation, Transition Animation fi Animator duration OFF godhaa jijjiirama jiru ilaalaa. #Hubadhaa : Qafoon china tokko tokko processor xiqqaa waan qabuuf saffisa duraaniiyyuu dhabuu waan danda’uuf tartiibum...

Bilbila haarawa bitachuuf ulaagaa beekuu qabnu

 Bilbila haarawa bittachuuf gara gabayaa yeroo baanuu wantoota nuti Dursinee ilaaluu qabnu.  Gosa ykn brand bitachuu barbaanne fi maqaa isaa sirriin Wal fakkaachuu isaa    "Samsung"= oomisha dhaabata samsingiidhaati   "Samsong, sumsung, sumsang," omiisha dhaabbata biraati  "Huawei" oomisha Huawei ti   "Hauwei, Huawie, fi kkf" oomisha dhaabbata birooti Kanaafuuoomisha dhaabbata nuti barbaannu tahuu adda baafachuu qabna. 2.  Baatirii bilbila keenyaa kan turu tahuu check godhuu qabna 3. Saffisa maaykroprosasii (microprocessor speed)  Saffini maaykroprosasii 1.5 Hertz, 2.0 Hertz fkkf akka humna keenyaatti filachuu qabna. 4. Dandeettii Daataa kuufachuu ( Memory capacity)   RAM = 1GB, 2GB, 4GB 8GB, .............    Internal storage = 4GB, 8GB,......... 1TB, 2TB, .... 5. Kaameeraa = 16 MP,.      48 MP ol Gorfamaadha. Akkuma humna kessanitti 6. Opreeting sistamii ( operating system) = iOS, Android, etc 7. Gatii...

Barnoota kompitaraa kutaa 1ffaa Kompitarri maalii?

Kompitarri maali? Kompitara jechuun meshaa elektelektironiksii keessaa isa tokko Ta'ee kan  1. Kan daataa ofitti fudhatu(input data) 2. Kan Daataa Tartiibessuu(process data) 3. Kan daataa kuusu ( store data) 4. Kan daataa baastu(Output data) 5. Ajajoota hundaahu tohachuu ( control all instructions) Akkamitti hojmaata geggeessa? Kompiitarri meeshaa elektirooniksii sagantaa qabu yoo ta’u, daataa haarawa akka galteetti fudhatee tuuta qajeelfama (Programming) waliin adeemsisuun bu’aa isaa akka oomishaatti oomishuudha.  Hojiiwwan herregaa fi loojikii erga raawwatee booda qofa firii agarsiisaa fi firii gara fuulduraatti fayyadamuuf qusachuu danda'a. Shallaggii lakkoofsaa akkasumas lakkoofsa hin taane adeemsisuu danda’a.  Jechi "kompitara" jedhu jecha Laatiin "computare" jedhu irraa kan fudhatame yoo ta'u hiikni isaas shallaguu jechuudha. Kompiitarri tokko application akka raawwatu kan qophaa’ee fi karaa qaamolee haardwaarii fi sooftiweerii walitti makamaniin f...