Skip to main content

Saffisa bilbila keenyaa dabaluuf

 



Bilbilli Android akka ariifatu yoo barbaaddan (saffisa) jechuu kooti tartiiba kana hordofaa

Bilbilli keessan saffisuu dideeraa? Bilbilli keessan isin harkatti caljedhaa?
#Stack godhaa?
Bilbilli ammayyaawaan (Smart phone) keessan Saffisa isin barbaadaniin hin deemu taanaan tartiiba kanaa gadii hordoftanii sirreeffachuu dandeessu.

Malootni saffisa Bilbila keenyaa dabaluuf
oolan
:
1. Fakkina Sochii cufuu—Turn OFF Animation
Kana gochuufis: Menu -> Setting-> About
device-> Build Number irra deddeebinee
saffisaan dhoofna hanga yeroo 7 –>
Developer option created isiniin jedhu
agartu -> tartiiba tokko duubatti deebi’aa
(About Device keessaa bahaa)–>Developer
Option amma dhufe sana keessa seenaa
(ON) godhaa –> gara gadii gadi bu’aa
Window Animation, Transition Animation
fi Animator duration OFF godhaa
jijjiirama jiru ilaalaa.

#Hubadhaa: Qafoon china tokko tokko
processor xiqqaa waan qabuuf saffisa
duraaniiyyuu dhabuu waan danda’uuf
tartiibuma gubbatti eerame sana hordofaa
iddoo duraanitti deebisaa.

2. Fayyadamaa[Application] itti hin fayyadamne qafoo keessan waan
jaataneessuuf balleessuun filatamaadha.

Qindaa’ina yks Setting keessa seennee
App Manager keessaa App itti fayyadamaa
hin jirre sana barbaadnee UNISTALL ykn
Force STOP gochuu dandeenya.

#Hub: Yeroo bilbilli keenya jaatanaayu ykn
Busy ta’u, Asuma keessa seennee App
bilbilicha Jaataneesse sana, FORCE STOP
gochuu dandeenya.

3. Kuftaalee Qulquleessuu — Clearing
Cache. Malli kun yeroo bilbilli keenya hojiirra
turu, wanootni garagaraa duubbeedhaan
osoo nuti hin beekin kan olkuufamuudhaan bilbila keenya jaataneessaniidha.

Kanaafuu bilbila keenya akka saffisa gaarii qabaatu gochuuf kuftaalee(cache) qulqulleessuun gaariidha.
#Kunis: Qindaa’ina seennee–> App
Manager Seennee –> App hedduu
fayyadamaa turre banuudhaan gara gadii
buunee–> CLEAR CACHE J

Comments

Popular posts from this blog

Barnoota kompitaraa kutaa 6ffaa: meeshaa daataa adeemsisu (Processor device)

Meeshaa Daataa Adeemsisan(Processor drvice)  Kompitarri keenya meeshaalee daataa galchan kan akka keyboard, microphone, faa irraa daataa fudhachuun daataa kana gara meeshaa daataa baasaniitti osoo hin ergin dura adeemsa daataan process ta'u keessa darbuun gara meeshaa daataa baasanitti ergama. Meeshaan adeemsa daataa(processor device) kun daataa kana akka inni barbaachisutti nuuf qindeessa. Meeshaaleen adeemsa kompiitara keessaa baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Kutaa adeemsa giraafiksii (GPU) Mazarboordii (Motherboard) Kaardii networkii(Network card) Kaardii sagalee (Sound card) Kaardii viidiyoo (Video card)  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU)  Akka filannootti piroosesara(Processor), piroosesara giddugaleessaa(Centaral processor), ykn maaykiroo piroosesara (microprocessor) jedhamee kan waamamu, CPU (sea-pea-you )jedhamee dubbifama kutaa adeemsa giddugaleessaa kompiitaraati.  CPUn ...

Barnoota kompitaraa kutaa 3ffaa: Qaamota jajjaboo(Hardware) Kompitaraa

Qaama jajjaboo kompitaraa(Hardware part)  Qaamni jajjaboo kompitaraa: - Qaama gurguddoo kompitaraa lameen keessaa isa tokko tahee ijaan ilaaluu fi harkaan qaqabuu dandeenyuudha. Walumaa galatti qaamni meshaalee (Device) jedhamuun beekkamu. Meshaalee kana akkaataa itti fayyadama isaa irratti hundaa'uun iddoo gara garaatti qooduu dandeenya. Isaanis Meeshaa Daataa seensisu(Input device) Meeshaa daataa baasu(Output device) Meeshaa daataa kuusu(Shortage device) Meeshaa daataa adeemsisu (Processor device) Meeshaa Networkii (Network device) Haadota (Cables) Meeshaaleen armaan olitti tarreessine kun hunduu qaama jajjaboo kompitara keenyaa kessaa barbaachisoo kanneen tahaniidha. Qaamota kanneen hundaahuu hanga dandahametti addaan qoqqoonnee ilaalla nu hanga dhumaatti nu hordofaa. Afaan keenyaan barressuun itti fufa tan dubbisuu immoo isinumaatu beeka. 1.Meeshaalee naqaa(Input devise) Meeshaaleen naqaa(input devise) meeshaalee elektromakaanicaalaa ta’anii fayyadamaan kompitaraa odeeffannoo/d...

Barnoota kompitaraa kutaa 4ffaa:- Meeshaa Daataa baasu(output device)

  2.Meeshalee Bu’aa baasuu(output device) Barannoo 2ffaa lammaffaa keessatti meeshaalee jajjaboo keessaa meeshaa daataa seensisu(Input device) ilaallee jirra . Barannoo kana keessatti meeshaa daataa seensisuun daataan gara kompitaraa keenyaa seene meeshaa nuti bu'aa isaa ittiin arguu dandeenyu ilaalla. Meeshaan bu’aa baasu kun kutaa kompitara keenyaa keessaa tokko ta’ee daataa nuti gara kompitara keenyaatti meeshaa naqaa(input device) dhaan galchine erga cpu kompitara keenyaa hojeeffama geggessee(process data) boodaa deebisee bu’aa isaa nuuf kan mul’isuudha. Bu’aan baasuu(output) kun bifa barreeffamaa,fakkii,sagalee fi viidiyootiin ta’uu danda’a Meeshaaleen bu’aa baasuu kun bakka (2) qoonnee laaluu dandeenya Meeshaalee garagalcha jajjaboo(Hard Copy) Meeshaalee garagalcha mosaajii(Soft copy) 1. Meeshaa garagalcha jajaboo(Hard copy device): meeshaan kun bu’aa basuu(output) keenya waraqaarratti ykn wantoota jajaboo garagaraa irratti kan qabatuudha. Garagalchi jajjaboon kun kompitara ...