Kompitarri maali?
Kompitara jechuun meshaa elektelektironiksii keessaa isa tokko Ta'ee kan
1. Kan daataa ofitti fudhatu(input data)
2. Kan Daataa Tartiibessuu(process data)
3. Kan daataa kuusu ( store data)
4. Kan daataa baastu(Output data)
5. Ajajoota hundaahu tohachuu ( control all instructions)
Akkamitti hojmaata geggeessa?
Kompiitarri meeshaa elektirooniksii sagantaa qabu yoo ta’u, daataa haarawa akka galteetti fudhatee tuuta qajeelfama (Programming) waliin adeemsisuun bu’aa isaa akka oomishaatti oomishuudha.
Hojiiwwan herregaa fi loojikii erga raawwatee booda qofa firii agarsiisaa fi firii gara fuulduraatti fayyadamuuf qusachuu danda'a. Shallaggii lakkoofsaa akkasumas lakkoofsa hin taane adeemsisuu danda’a.
Jechi "kompitara" jedhu jecha Laatiin "computare" jedhu irraa kan fudhatame yoo ta'u hiikni isaas shallaguu jechuudha.
Kompiitarri tokko application akka raawwatu kan qophaa’ee fi karaa qaamolee haardwaarii fi sooftiweerii walitti makamaniin furmaata adda addaa kan kennudha. Gargaarsa sagantaaleetiin kan hojjetuu fi lakkoofsota kurnyee(Decimal number) karaa tarree dijiitota baayinariin bakka buusa. Akkasumas yaadannoo daataa, sagantaalee fi bu'aa adeemsa hojii kuusu qaba. Qaamonni kompitara tokkoo kan akka maashinoota wayaa, tiraanzistara, sarkiyuutii, hard disk of keessaa qaban haardwaarii jedhamu. Akkasumas, sagantaalee fi daataa gara garaas softweerii jedhama. Analytical Engine kompiitara jalqabaa kan Charles Babbage bara 1837 kalaqe akka ta'e amanama. Inni punch cards akka read-only memory(ROM) fayyadame. Chaarlis Baabaajiin "abbaa kompiitara" jedhamuunis beekama.
Comments