Akkamitti Bilbila keenya #Virus irraa eeggachuu dandeenya?
Appilikeeshinoota gara yoo
play store fi
Galaxy store irraa buufachuudhaa baanne
Gmail keenyaan waliin
Vaayrasiin garaa bu'uu dandaha. Sababni websaytonni biroo Applicationoota osoo Iskaan hin goone waan download waan godhuuf of eggannoo armaan gadii kana gochuun haalaan murteessadha
Akkaataa Vaayrasii fi Raammowwan sooftweera Bilbila keenyarraa ittiin ittifnu
- Applikeeshinoota Barbaannu Google play store fi Galaxy store irraa buufachuu qabna
- Sooftweerii Android kan yeroo dhihoo muuxate/update fayyadamuu qabna
- Applikeeshinoota hin fayyadamne fi miidhaa fidan jedhamanii shakkaman ofirraa balleessuu qabna
- Yeroo online taanetti ykn inerneeta fayyadamaa jirretti websaytii/marsareetii fi hidhaawwan/link hin beekkamne xuquu irraa of qusachuu
- Jechadarbii/password Gmail keenyaa kan Jabaa tahe fayyadamuu fkn qubee guddaa fi xiqqaa, lakkoofsa fi mallattoolee gara garaa Wal keessa fayyadamuu. Jechi darbii nuti itti fayyadamnu kan salphaatti yaadannu tahuu qaba
- Link/hidhaa bifa eegaa gabaabaan karaa miidiyaa hawaasaan isiniif ergame maalummaa isaa osoo hin beekin Deebisuu irraa of qusachuu qabna
Horaa bulala!!!!!
Comments