Skip to main content

Mallattowwan Bilbilli kessan akka Butaman Mul'isan

Mallattowwan Bilbilli kessan akka Butaman agarsiisu



Bilbilli harkaa keessan waa'ee keessan ragaa hedduu qabachu mala. meeshaa baayyee kan dhunfaa ta'e kunis ergaawwan namoonni kaan akka argan hin barbaannee hedduu, tessoowwanii fi password ykn icciitii bilbilootaa fi kaan qabaachu mala.

Kanaafuu, bilbilli keessan ugguramuu (hacked ) ta'u yoo bartan ta'ee battalumatti tarkaanfii fudhachuun barbaachisadha.

Haa ta'u malee baayyeen keenya bilbilli keenya ugguramuu ykn butamuu iyyuu baruu dhiisu dandeenya ta'a.

Oduu gaariin ammo jira. Innis kana beekuuf beekumsa teknolojii qabaachuun barbaachisaa hin ta'u.

Mallattoowwan asiin gadii bilbila keessa irraa agartan yoo ta'e, carraan butamuun isaa olaanaa ta'u dadna'a.

1. Saffiisi bilbila keessanii yoo hir'ate

Bilbilli harkaa keessan kan yeroo biraattiin addatti ajajawwan raawwachuuf kan yeroo dheeraa fudhatu yoo ta'e, software alagaan rakkisaa jira jechuudha.

Vaayirasoonni 'Malware' jedhamanis jiruunsaanii olaanaan sochii bilbila keessanii walii galaa dadhabsiisuu yoo ta'u, atattamaan balleessuun barbaachisaadha.

Garuu ammoo applikeeshinoota hedduu bilbila keessan irraa kan qabdan yoo ta'ees, bilbilli akka harkiifatuuf sababa ta'u mala.

2. Bilbilli keessan garmalee kan ho'u yoo ta'e

Bilbilli keessaan kan baramee caalaa kan ho'u yoo ta'ee, rakkoon jira jechuudha. Atattamaan tarkaanfii fudhadhaa ykn oggeessatti agarsiisaa.

Kunis mudachu kan danda'eef tarii vaayirasoonni hin barbaachifne galuudhaan waan isiin hin ajajjnee raawwataa jiru jechuudha.

3. Baatiriin bilbila keessanii attattamaan kan dhumu yoo ta'ee

Bilbilli keessan ho'a olaanaa qaba jechuun baatiriin bilbilichaa dafee dafee dhuma jechuudha.

Tarii bilbilli keessan appii fi software haaromsuuf wayita yaaluutti baatiirii fixuu danda'a. Garuu sababiin isaa kana yoo hintaane bilbilli keessan butamee ta'u shakkuu qabdu.

4. Gara nama hin beekneetti yoo ergaa ergitan ykn ergaa fudhattan

Yeroo baay'ee ergaa kan ergitan karaa Whatts app fi wantoota biroo yoo tahu kan ergamu ammoo gara hiriyyaa,firaa fi nama hin beekneetti tahuu danda'a.

Gara keessanitti ergaawwan ergaman ammoo yeroo baay'ee agarsiiftuu kana irratti cuqaasii bani kan jedhutu itti baay'eta tahuu danda'a.

Tarkaanfiin keessan kan tahuu qabu osoo ergaa sana hin baniin guutummaatti ergicha balleessuudha.

5. Karaa toora interneetii ergaawwan tasa dhufan.

Yeroo Interneetii fayyadamtan gidduutti gara fuula marsariitii website] biraatti seenuun akka bantan ergaan yo irra dedeebiin dhufe sararri bilbilaa keessan ugguramuuf akka tahe beekamaadha.

Akkuma bantaniin gara marsariitii lama fi sadiitti kan isin qajeelchu yoo tahe ariitiidhaan cuftanii keessaa bahuu qabdu.

6. Appilikeeshinoota maallaqaa fi shakkaman yoo dhiyaatan

Ergaa fi appilikeeshinoota ofii keessan hin bitne ykn karaa interneetii hin buufanne moobayila keessan irratti arguu dandeessu.

Tarii daataa moobaayilaa ykn ergaa gabaabaa irratti daballii gatii kan agarsiisu tahuu danda'a.

Kaardiiwwan liqii ykn moobaayilaan maallaqa kan daddabarsitan yoo tahe carraan sararri keessan ugguramuuf qabu guddaa waan taheef eeggannoo guddaa gochuutu isin irra jira.

Kanaafuu lakkoofsa icciitii fi odeeffannoowwan dhuunfaa keessan moobaayila keessan irra osoo hin keessan tahe filatamaadha.

7. Sagaleewwan hin baratamne

Yeroo namaaf bilbiltan gidduutti sagalee kanaan dura hin turre ykn hin baratamne kan dhageessan yoo tahe bilbilli keessan to'annoo burjaajesitootaa jala tahuu agarsiisa.

Inumaayyuu sagaleen keessan waraabamuu danda'a.

Furmaata

  • Bilbila keessan waan ittiin qulqulleesitan bakka amanamuu bitachuu
  • Appilikeeshinootas tahe ergaawwan ofii hin beekne mobayila keessan irraa balleessuu
  • Tajaajila interneetii bilisaa namootni hedduun fayadaman fayyadamuu dhiisuu
  • Moobayila keessan icciitii ykn password namni biraa banuu hin dandeenyeen cufuu.
  • Applikeeshinoota maddota hin beekamne irraa buusuu dhisuu
  • Applikeeshinoota bilbila keessan irra jiran yeroo yeroodhaan haaressuu
  • Kaffaltiibilbilaa fi daataa taasiftan haalaan to'achuu fi hordofuu

Comments

Popular posts from this blog

Barnoota kompitaraa kutaa 6ffaa: meeshaa daataa adeemsisu (Processor device)

Meeshaa Daataa Adeemsisan(Processor drvice)  Kompitarri keenya meeshaalee daataa galchan kan akka keyboard, microphone, faa irraa daataa fudhachuun daataa kana gara meeshaa daataa baasaniitti osoo hin ergin dura adeemsa daataan process ta'u keessa darbuun gara meeshaa daataa baasanitti ergama. Meeshaan adeemsa daataa(processor device) kun daataa kana akka inni barbaachisutti nuuf qindeessa. Meeshaaleen adeemsa kompiitara keessaa baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Kutaa adeemsa giraafiksii (GPU) Mazarboordii (Motherboard) Kaardii networkii(Network card) Kaardii sagalee (Sound card) Kaardii viidiyoo (Video card)  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU)  Akka filannootti piroosesara(Processor), piroosesara giddugaleessaa(Centaral processor), ykn maaykiroo piroosesara (microprocessor) jedhamee kan waamamu, CPU (sea-pea-you )jedhamee dubbifama kutaa adeemsa giddugaleessaa kompiitaraati.  CPUn ...

Barnoota kompitaraa kutaa 3ffaa: Qaamota jajjaboo(Hardware) Kompitaraa

Qaama jajjaboo kompitaraa(Hardware part)  Qaamni jajjaboo kompitaraa: - Qaama gurguddoo kompitaraa lameen keessaa isa tokko tahee ijaan ilaaluu fi harkaan qaqabuu dandeenyuudha. Walumaa galatti qaamni meshaalee (Device) jedhamuun beekkamu. Meshaalee kana akkaataa itti fayyadama isaa irratti hundaa'uun iddoo gara garaatti qooduu dandeenya. Isaanis Meeshaa Daataa seensisu(Input device) Meeshaa daataa baasu(Output device) Meeshaa daataa kuusu(Shortage device) Meeshaa daataa adeemsisu (Processor device) Meeshaa Networkii (Network device) Haadota (Cables) Meeshaaleen armaan olitti tarreessine kun hunduu qaama jajjaboo kompitara keenyaa kessaa barbaachisoo kanneen tahaniidha. Qaamota kanneen hundaahuu hanga dandahametti addaan qoqqoonnee ilaalla nu hanga dhumaatti nu hordofaa. Afaan keenyaan barressuun itti fufa tan dubbisuu immoo isinumaatu beeka. 1.Meeshaalee naqaa(Input devise) Meeshaaleen naqaa(input devise) meeshaalee elektromakaanicaalaa ta’anii fayyadamaan kompitaraa odeeffannoo/d...

Barnoota kompitaraa kutaa 4ffaa:- Meeshaa Daataa baasu(output device)

  2.Meeshalee Bu’aa baasuu(output device) Barannoo 2ffaa lammaffaa keessatti meeshaalee jajjaboo keessaa meeshaa daataa seensisu(Input device) ilaallee jirra . Barannoo kana keessatti meeshaa daataa seensisuun daataan gara kompitaraa keenyaa seene meeshaa nuti bu'aa isaa ittiin arguu dandeenyu ilaalla. Meeshaan bu’aa baasu kun kutaa kompitara keenyaa keessaa tokko ta’ee daataa nuti gara kompitara keenyaatti meeshaa naqaa(input device) dhaan galchine erga cpu kompitara keenyaa hojeeffama geggessee(process data) boodaa deebisee bu’aa isaa nuuf kan mul’isuudha. Bu’aan baasuu(output) kun bifa barreeffamaa,fakkii,sagalee fi viidiyootiin ta’uu danda’a Meeshaaleen bu’aa baasuu kun bakka (2) qoonnee laaluu dandeenya Meeshaalee garagalcha jajjaboo(Hard Copy) Meeshaalee garagalcha mosaajii(Soft copy) 1. Meeshaa garagalcha jajaboo(Hard copy device): meeshaan kun bu’aa basuu(output) keenya waraqaarratti ykn wantoota jajaboo garagaraa irratti kan qabatuudha. Garagalchi jajjaboon kun kompitara ...