Sooftiweerota jaalalleen, abbaan mana ittiin basaasuun beekkamu
Stalkerware, sooftiweerii gabaarra jiruu fi meeshaa, keessumaa bilbila nama tokkorra kaa’amuun, eeyyama isaanii malee irratti basaasuuf kan fayyadudha.
Sooftiweeriin kun akka ergaa, suuraa, odeeffannoo, bakka namni sun jiruu fi darbeeyyu haasaa bilbilaa nama tokko akka dhaga’uu dandeessu godha.
Rakkoo sooftiweeri kanaan uumamu ittisuuf Evaa Galperiin bara 2019’tti Qiindomina Farra Stalkerware jedhamu hundeessite.
Gartuu kana hundeessuuf kan murteessite erga gabaasa namoota gudeeddiin miidhamanii, kan sodaa namni isaan miidhe teeknoolojii kana fayyadamuun caalaatti jireenya isaani balleessu danda’a jedhu keessa jiraatanii erga dubbistee boodadha.
Yeroo namni tokko bilbilakee keessa seenuu danda’u, carraa isaan itti miidhaa geessisuu danda’an guddaadha jetti.
Fakkeenyaaf suuraa dhuunfaakee nan gadhiisa jechuun doorsisuu ni danda’u.
Qorannoon akka mul’isutti miidhaan stalkerware’n uumamu rakkoo guddachaa dhufedha.
Qorannoon Norton Labs’n gaggeeffame, Fulbaana 2020 fi Caamsaa 2021 gidduutti lakkoofsi bilbiloota sooftweeriin stalkerware irratti fe’ame %63’n guddateera.
Waggootii lamaan darban keessatti, Aadde Galperiin dhaabbileen farra-vaayirasii kompitaraa tokko tokko, sooftiweerota akkanaa irratti tarkaanfii akka fudhataniif amansiisuu dandeesseetti.
Onkololeessa keessa, Google beeksisa appilikeeshinoota bilbila namoota irratti basaasuu dandeessisuu himan hedduu haqeera.
Appiin akkanaa yeroo hedduu maatii sochii fi ergaa ijoollee isaanii hordofuu barbaadaniif kan beeksisamu ta’us – appichi kan faayidaarra oolu garuu namoota hamoo jaalallee isaanii irratti basaasuu barbaadaniin ta’e.
Appoota kana keessaa tokko SpyFone, Fulbaana keessa, dhoksaan bilbila namaa haak gochuun odeeffanoo namaa hateeras, qoodeera jedhamuun Komishiinii Daldalaa Federaalaa US’n dhorkameera.
Sooftiweriin stalkerware beekaa akka argamuu hin dandeenyetti godhamee uumame, namootni dandeetti kompiitara gaarii qabaniyyuu sooftiweerii kanaan miidhamuu danda’u.
Namni kanaan miidhamte tokko, qorattuu nageenya interneetaa Shaarleetidha (maqaa ishee sirrii miti.)
Erga kaadhimamte yeroo muraasa booda, bilbillishee amala hin baramne agarsiisuu akka jalqabe hubatte.
Baatiriin bilbilashee tasa dhuma, bilbillishees tasa of cufee bana - kun mallattoo tarii stalkerware’n bilbilakeerra jiraachuu isaa kan agarsiisudha.
Yeroo kaadhimaan ishee, yeroo hunda bakka ati jirtu beeka jedheeniitti, maal akka uumamaa jiru hubatte.
Intarneetii irratti tajaajilootni hedduun, akka salphaatti lakkoofsa bilbilaa fayyadamuun qofa bilbila nama tokko haak gochuu akka danda’an beeksisan hedduudha.
Tajaajila akkanaaf ammoo kiriptookaransiidhaan dolaara dhibbaa ol ta’e kaffalchiisu.
Namootni appiin kun bilbila isaanirra galuu kan danda’u ergaa liinkii marsariitii waliin ergamuun ta’uu danda’a, ergaan kun marsariiticha akka bantuuf si gaafata ta’a.
Ykn ammoo appiin sobaa, kan isa dhugaa fakkaatu isaaniif qoodamuu danda’a.
Shaarleet, aappii isin shakkisiise yeroo balleessuuf jettan, mallattoo akeekkachiisaa yoo isinitti agarsiise, “hin sodaatinaa” jetti.
Yoo kun milkaa’uu dide, bilbila keessan guutummaatti haqaatii, paaswoordii miidiyaa hawaasummaa keessanii hunda jijjiiruun akka haaratti jalqabsiisaa jechuun Shaarleet ni gorsiti.
Rakkoo akkanaa furuuf biyyootiin hedduun sochii namarratti basaasuu fi dhoksaan hordofuu irratti seera baasaniiru.
Eeva Galperiin garuu, seera baasuun qofa furmaata hin ta’u jetti.
Dhaabbileen akka Google fi Apple fakkeenyaaf, appiin akkanaa gabaa isaanirratti akka hin gurguramne dhorkuu ni danda’u jetti.
Maddi: BBC afaan oromo
Comments