Gosa Haakerootaa (Types of Hackers)
Gosa Haakerootaa (Types of Hackers)
-----------------
Kana qofa irratti murtaa'uu dhiisus baayyinaan gosi haakerootaa white hat, black hat, grey hat jedhamuudhaan beekamu. Kana jechuun yaadni isaa kan dhufe Hat yookaan mallayyoo gurraacha namootni fayyadaman akkuma fiilmii warra dhihaa irraatii arginu hamootaa fi warri mallayyoo adii mataatti kaawwatu ammoo namoota gaarii yaada jedhu sanarraati.
--------------
#White Hat Hackers:- gosi haakeroota kanaa warra hamoo hin taanee fi waan kamiyyuu miidhuuf yaada hin qabne maqaa biraadhaaan Ethical hackers jedhamanii waamaman yeroo ta'u. Hojiin isaanii dadhabina siistama tokkoo yookaan neetworkii tokkoo barbaadanii argachuu isa Penetration testing jennu sana irratti warra dandeettii guddaa qaban dha. Ethical hacking kan jennu kun seeraa ala miti. Dhaabbattootni gurguddoon addunyaa namoota penetration testing hojjetaniif waan barbaadaniif qarshii guddaa kaffalaniifii hojjechiisu. Otuu haakerootni warri hamoo warri balleessuuf dhufu dadhabina siistama isaanii bira hin ga'in jara kanaaf kaffalanii dadhabina sana sirreeffatu.
----------------------
#Black Hat Hackers:- maqaa biraadhaan Cracker jedhamuuni kan beekaman warri kun beekumsa qaban hundaan waan hin eyyamamaniif cabsanii seenuudhaan warra fayyadamanii fi odeeffannoo dhokotoo ta'an warra hatan dha. Fedhi isaanii beekamtii argachuu fi odeeffannoo hatan sanaan dhaabbata sana yookaan nama dhuunfaa doorsisuudhaan qarshii akka kennuuf gochuu dha.
-----------------------
#Grey Hat Hackers:- warri kun ammoo makaa warra white hat fi black hat yeroo ta'an, eyyama dhaabbatichaa malee dadhabina siistama sanaa yookaan neetoorkii sanaa qorachuudhaan beekamtii argachuufis ta'e yeroo tokko tokko qarshii argachuuf warra hojjetan dha.
-----------------------
Warra armaan olitti kaasne sadaniin ala gosa haakerootaa garaagaraa muraasa dandeettii fi haala hojiisaanii irratti hundaa'uudhaan asiin gaditti waliin ilaalla.
#Red Hat Hackers:- kunis makaa warra white hat fi black hat yommuu ta'u garuu odeeffannoolee sadarkaa mootummootaa fi dhaabbilee basaasaa fi kan kana fakkaatan gabaabumatti odeeffannoolee baayyee dhokotaa ta'an irratti warra xiyyeeffatan dha.
-----------------------
#Blue Hat Hackers:- siistamiin tokko otuu hojiif hin gadhiifamin dura warra dadhabina qabaachuusaa qoratan dha. Nageenya siistama tokkoo irratti xiyyeeffatu. Microsoft yeroo nageenya siistamaa irratti ibsa baasu BlueHat jechuudhaan security conference qopheessa.
-----------------------
#Elite Hackers:- warri kun warra beekumsa guddaa qabanii fi kabajaa guddaa haakeroota kan biroo biratti qaban yoo ta'u. Odeeffannoon dadhabina siistama tokkoo jalqaba jara kana gidduutti odeeffama.
-----------------------
#Script Kiddie:- warri kun beekumsa hacking xiqqoo yookaan ammoo tasuma homaa kan hin qabnee fi koodii namni biraan barreesse warra fayyadaman dha. Warri kun dandeetti addaa kan hin qabnee fi koodicha akka itti fayyadaman namootarraa arganii kan fayyadamanii fi akkamitti akka hojjetame sirriitti warra hin beekne dha.
-----------------------
#Neophyte:- maqoota "n00b", or "newbie" or "Green Hat Hacker" jedhamaniin kan beekaman yeroo ta'u, hacking dhaaf haaraa kan ta'anii fi muuxannoo teeknooloojii baayyee warra hin qabne dha.
-----------------------
#Hacktivist:- warri kun haakeroota dandeettii isaanii mormii yookaan fincila kasuudhaaf karaa hawwaasummaa, siyaasaa fi ilaalcha garaagaraa ergaa dabarsatan dha. Garee morman irratti haleellaa hacking garaagaraa geessisuudhaan ergaasaanii dabarsatu.
-----------------------
Egaan namni tokko hacker dha ofiin jechuuf dandeettii koodii barreessuu cimaa fi meeshaalee neetwoorkii garaagaraa dadhabinasaanii, akkasumas akkaataa ittiin koodii barreessanii siistama tokko rukutuu danda'an beekuu qaba. Kanaan achi warra mala akka Phishing jedhamuufaadhaan koodii nama kan biraa fayyadamee yoo baayyate account facebook namaa banuun hacker jechuun namatti ulfaata. Warri akkana gootanis yoo beekumsa qabaattan siistamoota ciccimoo yaalaa malee odeeffannoo nama dhuunfaa tokko irratti karaa beekumsa guddaa hin gaafanneen xiyyeeffachuun beekaa nama hin taasisu.
Comments