Kutaalee kompitaraa gurguddoo(Computer parts)
Kompiitarri meeshaa elektirooniksii daataa fi qajeelfama fudhachuu, kuusuu fi adeemsisee bu'aa barbaadamu oomishuuf danda’uudha.
Kompiitarri kun irra caalaa qaamolee haardwaarii fi sooftiweerii(mosaajii) of keessaa qaba. Lamaanuu waliin hojjechuun
daataa adeemsisu(process data) gochuu danda'u.
Qaamota jajjaboo komputeraa (Hardware part)
Qaamonni fiizikaalaa kompiitaraa kan mul’achuu fi tuqamuu danda’an akka haardwaariitti waamamu.
jechi "hardware" jedhu qaamolee kompiitara keessa fi ala jiran hundatti kan akeekuudha.
Dabalataans
Hardware galtee kompitaraaf dhiyeessuuf itti fayyadaman akka "meeshaa galteetti" (Input device) jedhamuun waamamu. Meeshaa daataa adeemsisuuf gargaaranis akka meeshaa dataa adeemsisu(processor device" jedhamuun beekkamu. Meeshaan daataa deebisee baasu(output device) akka meeshaa daataa baasuutti beekkamu. Meeshaan dataa kuusuuf (Store dataa) gochuuf nu gargaaranis akka qaama jajjaboo kompitaraa kessaa isaan muraasa.
Mosaajii(Software part)
Tuutni qajeelfamaa kan kompitari hojiiwwan adda addaa akka hojjatmu ajaju fi harkaan qaqqabuu kan hin danda'amne mosaajii(Software part) jedhama. Fakkeenyaaf,
Afaanota kompitaraa, Geemii, Applikeeshinoota garagaraa,fi kkf.
Mosaajiin(software) akka sochooftuu kompitaraatti ilaalamti. Mosaajiin(Software) yoo hin jiraanne qaamni jajjaboon(Hardware) akkuma muraa sibiilaa fi pilaastikaa tokkootti ilaalamu. Mosaajii(software) fi qaama jajjaboo walitti qindoomuun faayidaa kompitara tokko irraa argachuu qabnu nuuf kennu.
https://youtu.be/aEQ207cD8qc
Kutaa 3ffaa itti fufa nu hordofaa beekkumsa argadhaa
.jpeg)

Comments