Meeshaa kuusaa Deetaa (Computer storage device)
Meeshaan kuusaa daataa kun qaama jajjaboo kompitaraa (Hardware part of computer) keessaa isa tokko ta'ee daataa nuti kompitara keenyatti galchinuu kan akka barreeffamaa, fakkii, suursagalee(Viidiyoo), fi sagalee kkf yeroo gabaabaa fi dhaabbataadhaan kuusuudhaaf gargaaru.
Meeshaa Daataa kuusu kana bakka lamatti qoodnee ilaaluu deenya. Isaanis
- Kuusaa jalqabaa (Primary storage)
- Kuusaa lammaffaa(Secondary storage) jedhamu
Meeshaan daataa kuusan kun mimoorii jedhamuun beekkamu.
1. Kuusaa jalqabaa(primary storage)
Gosti mimoorii kanaa baayee barbaachisaa ta'uu irraa kan ka'e kompitarri keenya nanamuudhaaf dirqama mimoori jalqabaa kana qabaachuu qaba. Mimoorileen kun mimoorii keessoo(internal memory), mimoorii olaanaa(Main memory) faa jedhamuun beekkamu. Mimooriileen kun mimmorii lammaffaan yeroo wal bira qabamu iddoo xiqqoo fi saffisa olaanaa qabu. CPU keenyaa hojii isaa hojjatu hundaa irratti kallattiidhaan mimoorii kanatti gargaarama. Sababa kanaaf yoo mimooriin kun jiraanne kompitarri keenya homaatiif hin fayyadu.
Mimooriin jalqabaa kun kanneen armaan gadii kana.
- RAM
- ROM
- MIMOORII KEECHII(cache memory) faadha
RAM(Randam access memory)
Memooriin kun gosa mimoorii jalqabaa keessaa isa tokko ta'ee ajajaa fi sagantaalee gara garaa yeroo muraasaaf kuusuuf nu gargaarti. Mimoorii kunii fi CPUn kompitara keenyaa kallattiin waliin hojjatu. CPUn keenya yoo daataa tokko process gochuu barbaade daataa san process gochuuf yeroodhaa mimoorii kanarratti kuufata. Ga'umsa CPU kompitara keenyaatiif yuunitiin RAM keenyaa murteessaadha. Kompitarri RAM isaa guddaa tahe ga'umsa olaanaa qaba. Kompitarootaa fi Bilbiloonii Ismaartiin amma itti fayyadamaa jirru RAM 1GB - 32GB qaba.
Mimooriin kun daataa yeroodhaaf qofa ofirratti qabata. Daataan mimoorii kanarratti kuufame yoo tasa koompitarri keenya cufame baduu danda'a.
ROM(Read only Memory )
Mimooriin kun gosa kuusaa jalqabaa kessaa isa tokko ta'ee mimoorii nuti ofii keenyaaf daataa irratti fa'uu fi irraa haquu hin danyeedha. Daataan mimoorii kana irratti fa'amee jiru gaafuma meeshichi hojjatamu dhaabbata/kaanphaanii meeshicha sana hojjateen irratti fe'ama. Fakkeenyaaf sooftiweeroota akka BIOS (Basic input output system) fudhachuun ni danda'ama.
Memoorii keechi (Cache memory)
Mimooriin kun kallattiidhaan CPU keenya gubbaatti argama. Innis Daataa nuti irra deddeebiin itti fayyadamnu kuusuudhaaf gargaara. RAM dhaan yoo wal cinaa qabamu saffisni isii olaanaadha.
2. Meshaa kuusaa lammaffaa(Secondary storage device)
Kuusaan sadarkaa lammaffaa kan hin jijjiiramne, kuusaa yeroo dheeraadhaaf odeeffannoo fi ajajoota gara garaa kuusee turuu dandahuu dha. Osoo kuusaa lammaffaa hin jiraatin sagantaalee fi daataa hundi yeroo kompiitara cufamu ni bada ture.
Sirna kompiitaraa keessatti kuusaan sadarkaa lammaffaa gosoota gurguddoo sadi qabu:
A. SSD (Silod state Drive) :- Mimooriin kompitara keenyarratti daataa kuusuuf nu gargaara. Duraan mobiiylota gara garaa kessatti beekkama. Amma immoo kompitara irrattillee ni argama.
Fkn:- (USB memory sticks)
B. meeshaalee kuusaa optikaalaa:-
Kan akka
- CD,
- DVD fi
- Blu-ray discs
C. meeshaalee kuusaa maagneetii,
Kan akka
- hard disk drive
- Magnetic tape
- Flopy Drive faadha
"BEEKKUMSI XIQQAA HIN QABU"
Kutaan itti aanu itti fufa.............. nu hordofaa

.jpeg)
.jpeg)
.jpeg)
.jpeg)
.jpeg)
.jpeg)
Comments