Appilikeeshinni Bilbilaa keenyaa yeroo buufannu (Download) yeroo godhannu faayda qabeessa ta'uu fi dhiisuu isaa akkamiin beekuu dandee?
Appilikeeshinii Mobaayilaa tokko buufachuu keenya dura akkamiin # miidhaa ykn # faayidaa qabaachuu isaa mirkaneeffachuu dandeenya?
Appilikeeshiniiwwan #Google_Play_Store irraa buufannu faayidaa akka qaban mirkanaa'ee fi miidhaa akka hin qabne mirkanaa'eera.
Garuu yeroo tokko tokko Play Store irratti #application miidhaa geessisan kan faayidaa qaban fakkaatanii argamuu danda'u.
Appilikeeshinii tokko #Play_Store irraa yeroo buufannu #application sun faayidaa qabaachuu ykn miidhaa qabaachuu isaa akkamitti adda baasuu dandeenya?
1. Appilikeeshinichi yeroo meeqa akka buufame/Daawlood ta'e ilaali
Appilikeeshinicha buufachuuf osoo hin buufatin dura yeroo meeqa akka buufame ilaaluuf.
Fakkeenyaaf, #application siʼa miliyoona tokkoo fi isaa ol buufame/Download yoo ta'e, battaluma sanatti guyyaa itti gadhiifame/Upload ilaali.
Kunis kan ta’eef, #application baay’een isaanii waggaa tokkoo fi isaa ol kan turan yoo ta’u, miliyoona tokkoo ol buufamuu waan danda’aniif. Kanaafuu #application buufachuu barbaaddan waggaa tokkoo gadi yoo ta'ee fi miliyoona tokkoo ol buufame yoo ta'e malee #application sana buufachuu irraa of qusachuu qabdu.
2. Waa'ee application kanaa yaada(Comment) tokko tokkoon dubbisi.
Appilikeeshinii buufachuu barbaaddan osoo hin buufatiin dura namoonni #application kana buufatanii fayyadamnii turan waa'ee #application kanaa yaada isaanii ni barressu. Yaadota kana sirriitti dubbisaa.
Waa'ee application kanaa yaada baay'ee namatti hin Tolle yoo ta'e #application kana buufachuu irraa akka of qusattan nan gorsa.
3. Waliigaltee iyyannoo sirriitti dubbisi
Appilikeeshinichi cheekiiwwan armaan olii yoo darbe ni buufattu. Sana booda yeroo waliigaltee application sana install gootu sirriitti dubbisuu qabda.
Hundi keenya jechuun ni danda'ama yeroo application tokko dubbisnu 'Accept' jenna. Sirrii miti.
Yakkamtoonni saayibarii amala kana waan beekaniif, waliigaltee nu miidhuu danda’u gochuudhaan nu irratti duuluu danda’u
Kanaafuu, jechoota akka data mining, data sharing, pop-ups fi kkf yoo isin mudatan adeemsa application installation addaan kutuu qabdu.
Kanaafuu application buufachuu barbaaddan yoo xiqqaate check 3 kana yoo darbe miidhaa hin qabu ta'uu danda'a
.jpeg)
Comments