Meeshaa Daataa Adeemsisan(Processor drvice) Kompitarri keenya meeshaalee daataa galchan kan akka keyboard, microphone, faa irraa daataa fudhachuun daataa kana gara meeshaa daataa baasaniitti osoo hin ergin dura adeemsa daataan process ta'u keessa darbuun gara meeshaa daataa baasanitti ergama. Meeshaan adeemsa daataa(processor device) kun daataa kana akka inni barbaachisutti nuuf qindeessa. Meeshaaleen adeemsa kompiitara keessaa baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kanneen armaan gadii of keessatti qabatu: Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Kutaa adeemsa giraafiksii (GPU) Mazarboordii (Motherboard) Kaardii networkii(Network card) Kaardii sagalee (Sound card) Kaardii viidiyoo (Video card) Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Akka filannootti piroosesara(Processor), piroosesara giddugaleessaa(Centaral processor), ykn maaykiroo piroosesara (microprocessor) jedhamee kan waamamu, CPU (sea-pea-you )jedhamee dubbifama kutaa adeemsa giddugaleessaa kompiitaraati. CPUn ...
Marsareetii kana irratti Barnoota waa'ee teeknolojii, akkaataa itti fayyadamaa, barbaachisummaa isaa, fi midhaa isaa ballinaan isin hubachiifna