Skip to main content

Posts

Tajaajila Bilisaa 10 kan fayyadamaan interneetaa kamuu fayyadamuu Danda'u

Recent posts

Appilikeeshinni Bilbilaa keenyaa yeroo buufannu (Download) yeroo godhannu faayda qabeessa ta'uu fi dhiisuu isaa akkamiin beekuu dandee?

 Appilikeeshinii Mobaayilaa tokko buufachuu keenya dura akkamiin # miidhaa ykn # faayidaa qabaachuu isaa mirkaneeffachuu dandeenya?   Appilikeeshiniiwwan #Google_Play_Store irraa buufannu faayidaa akka qaban mirkanaa'ee fi miidhaa akka hin qabne mirkanaa'eera.   Garuu yeroo tokko tokko Play Store irratti #application miidhaa geessisan kan faayidaa qaban fakkaatanii argamuu danda'u.   Appilikeeshinii tokko #Play_Store irraa yeroo buufannu #application sun faayidaa qabaachuu ykn miidhaa qabaachuu isaa akkamitti adda baasuu dandeenya?     1. Appilikeeshinichi yeroo meeqa akka buufame/Daawlood ta'e ilaali   Appilikeeshinicha buufachuuf osoo hin buufatin dura yeroo meeqa akka buufame ilaaluuf.     Fakkeenyaaf, #application siʼa miliyoona tokkoo fi isaa ol buufame/Download yoo ta'e, battaluma sanatti guyyaa itti gadhiifame/Upload ilaali.    Kunis kan ta’eef, #application baay’een isaanii waggaa tokkoo fi isaa ol kan turan yoo ta’u, miliyo...

Google Drive fi DropBox maali?

 Google Drive fi DropBox maali? Suuraa barbaachisoo, ragaa barnootaa scan gootanii qabdanii fi wantoota barbaachisoo fudhattanii biyya biraa otuu deemtanii filaashiin keessan isin jalaatii caba yookaan bada. Maal gochuu dandeessu? Manatti deebitanii ragaalee sana hunda scan gochuu, yookaan kompiyuutera irra jiru irraatii deebitanii copy gochuu... baayyee dadhabsaa dha. Dabalata faayila guddaa emaildhaan namaaf erguuf yeroo jettan tole hin jedhu. Falli keessan tokkichi kana hundaaf isin garaaru Google drive fi DropBox fayyadamuu dha. 1.Google Drive kaffaltii malee tola email tokkotti haga 15 GB isiniif kenna. Yoo kaffaltan ammoo isaa ol bitachuu dandeessu. 2. DropBox ammoo kaffaltii malee haga 2GB tolaan isiniif kenna. Isa caalaa barbaadnaan bitachuu dandeessu. tajaajila cloud storage yookaan kuusaa internet irra yeroo kamitti bakka hundaatii bantanii fayyadamuu dandeessan kan kennan hedduun akka  Amazon Cloud Drive, SugarSync, Box, Apple iCloud, Microsoft OneDrive, BitCasa fi ...

Barnoota kompitaraa Kutaa: 7ffaa : Meeshaaleen Neetworkii koomitaraa maal faadha?

 Meeshaaleen Neetworkii koomitaraa maal faadha?  Networkiin kompitaraa:- Networkii kompitaraa jechuun kompitaroota bifa haadaatii fi haada maleen walitti hidhamanii wantoota garagaraa kan akka Daataa, memoorii fi odeeffannoo garagaraa waliif qooduudhaaf gargaaruudha.  Meeshaalee Networkii kompitaraa:-  meeshaalee jajjaboo kompitaroonni akka walitti hidhamuuf haala mijjeessaniidha.  Gosa Meeshaalee Neetwork  Meeshaaleen networkii networkii kompiitaraa keessatti fayyadaman gosoota adda addaa kan jiran yoo ta’u isaanis kanneen armaan gadii of keessatti qabatu. Hub Neetwork Jijjiiraa networkii (Switch) Riippiitara( Repeater)  Moodemii(modem) Raawwatara Neetwork(Router)  Riqicha(Bridge) Geetwayii(Getway) Haabii(Network Hub)  Hub bu'uuraan rippiitara(repeater) portii hedduu qabuudha.  Hubiin  haada(wire) kompiitara adda addaa hedduu irraa dhufan walqunnamsiisuuf gargaara.  Hub deetaa hin calalu ​, kanaaf paaketoota deetaa gara meesha...

Barnoota kompitaraa kutaa 6ffaa: meeshaa daataa adeemsisu (Processor device)

Meeshaa Daataa Adeemsisan(Processor drvice)  Kompitarri keenya meeshaalee daataa galchan kan akka keyboard, microphone, faa irraa daataa fudhachuun daataa kana gara meeshaa daataa baasaniitti osoo hin ergin dura adeemsa daataan process ta'u keessa darbuun gara meeshaa daataa baasanitti ergama. Meeshaan adeemsa daataa(processor device) kun daataa kana akka inni barbaachisutti nuuf qindeessa. Meeshaaleen adeemsa kompiitara keessaa baay’inaan mul’atan keessaa muraasni kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU) Kutaa adeemsa giraafiksii (GPU) Mazarboordii (Motherboard) Kaardii networkii(Network card) Kaardii sagalee (Sound card) Kaardii viidiyoo (Video card)  Kutaa adeemsa giddugaleessaa (CPU)  Akka filannootti piroosesara(Processor), piroosesara giddugaleessaa(Centaral processor), ykn maaykiroo piroosesara (microprocessor) jedhamee kan waamamu, CPU (sea-pea-you )jedhamee dubbifama kutaa adeemsa giddugaleessaa kompiitaraati.  CPUn ...

Barnoota kompitaraa kutaa 5ffaa: Meeshaa Daataa kuusan(Storage device)

 Meeshaa kuusaa Deetaa (Computer storage device) Meeshaan kuusaa daataa kun qaama jajjaboo kompitaraa (Hardware part of computer) keessaa isa tokko ta'ee daataa nuti kompitara keenyatti galchinuu kan akka barreeffamaa, fakkii, suursagalee(Viidiyoo), fi sagalee kkf yeroo gabaabaa fi dhaabbataadhaan kuusuudhaaf gargaaru. Meeshaa Daataa kuusu kana bakka lamatti qoodnee ilaaluu deenya. Isaanis Kuusaa jalqabaa (Primary storage) Kuusaa lammaffaa(Secondary storage) jedhamu Meeshaan daataa kuusan kun mimoorii jedhamuun beekkamu. 1. Kuusaa jalqabaa(primary storage) Gosti mimoorii kanaa baayee barbaachisaa ta'uu irraa kan ka'e kompitarri keenya nanamuudhaaf dirqama mimoori jalqabaa kana qabaachuu qaba. Mimoorileen kun mimoorii keessoo(internal memory), mimoorii olaanaa(Main memory) faa jedhamuun beekkamu. Mimooriileen kun mimmorii lammaffaan yeroo wal bira qabamu iddoo xiqqoo fi saffisa olaanaa qabu. CPU keenyaa hojii isaa hojjatu hundaa irratti kallattiidhaan mimoorii kanatti gargaa...

Barnoota kompitaraa kutaa 4ffaa:- Meeshaa Daataa baasu(output device)

  2.Meeshalee Bu’aa baasuu(output device) Barannoo 2ffaa lammaffaa keessatti meeshaalee jajjaboo keessaa meeshaa daataa seensisu(Input device) ilaallee jirra . Barannoo kana keessatti meeshaa daataa seensisuun daataan gara kompitaraa keenyaa seene meeshaa nuti bu'aa isaa ittiin arguu dandeenyu ilaalla. Meeshaan bu’aa baasu kun kutaa kompitara keenyaa keessaa tokko ta’ee daataa nuti gara kompitara keenyaatti meeshaa naqaa(input device) dhaan galchine erga cpu kompitara keenyaa hojeeffama geggessee(process data) boodaa deebisee bu’aa isaa nuuf kan mul’isuudha. Bu’aan baasuu(output) kun bifa barreeffamaa,fakkii,sagalee fi viidiyootiin ta’uu danda’a Meeshaaleen bu’aa baasuu kun bakka (2) qoonnee laaluu dandeenya Meeshaalee garagalcha jajjaboo(Hard Copy) Meeshaalee garagalcha mosaajii(Soft copy) 1. Meeshaa garagalcha jajaboo(Hard copy device): meeshaan kun bu’aa basuu(output) keenya waraqaarratti ykn wantoota jajaboo garagaraa irratti kan qabatuudha. Garagalchi jajjaboon kun kompitara ...